Sie sind auf Seite 1von 6

Ayyaana Filichataa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen!

Ayyaanni kuni Giiftiin keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiin akkuma Ilma


ishee du’aa kaatee Iyyaruusaalem ishee haaraa seenuu ishee fi duuka bu’ootaafis
yeroo lammafaaf yeroo olbaatu mul’achuu ishee itti yaadannu dha. Qulqulleettii
Dubroo Maariyaamiin akkuma dhala namaa waggaa 64 itti addunyaa kana irraa
Amajjii 21 boqatte. Duuka bu’oonnis gaddanii awwaluuf yemmuu foon ishee gara
idoo awwaala Geetesemaanii geessan Yihudoonni itti hinaafanii addaan isaan
bittinsan. Yeroo kana ergamoonni foon Maariyaamii fuudhanii gara balbala Jannataa
jala teessisan. Baatii 8 booda duuka bu’ootni Gooftaa Waaqayyoon kadhatanii
“akkamitti osoo foon ishii hin kabajaan awwaaliin hafna?” jedhanii baaayyee
xiiqa’anii Waaqayyon kadhachuutti ka’an. Yemmus Gooftaan kadhaa isaanii
dhagahee, foon ishee balbaala Jannataa (Genet) jala jiru sana kenneefii gara lafa
kanaatti fiduudhaan kabajaanii fi kadhaadhaan awwaalan.

Sirna awwaala sana irratti duuka bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu
waan deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuu deebi’u, isheen immoo
akkuma ilma ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadi booda du’aa kaatee yoo ol baatu
Toomaas immoo wangeela lallabee gara Iyyaruusaalemitti duumessa yaabbatee yoo
dhufu karaatti walitti dhufan. Ol ba’uu ishee duuka bu’ootni biroo quba hin qaban
ture. Innis yemmuu kana baay’ee gaddee, ni na’es, sababni isaas akkuma Wangeela
irratti barreeffame dura du’aa ka’uu Gooftaa fi akka duuka bu’ootatti muldhate hin
agarre, isaaniis Gooftaa Iyyasuus agarree jedhanii itti himnaan, harka isa sibiilli ure,
qaama isaas argu malee mamee isin hin amanu jedheenii ture (Yoh 20:24).I

Innis ammas akkanuma mamiinsa koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee kan du’aa
ka’uu haadha isaas natti agarsiisuu dide jedhee gaddee ture. Yemmus Dubroo
Maariyaamiin “Si malee du’aa ka’uu koo kana namni arge hin jiru” jettee
tasgabbeessite, inumaayyuu, wabiif akka ta’uuf immoo kafanii ittiin
kafanamte(maramte) kenniteef.

Innis yeroo duuka bu’oota bira ga’u qulqulleettii dubroo Maariyaamiin akkam taate
jedhee beekatuma isaan gaafannaan “Bar awwaalle” jedhanii deebisaniif.
Toomasis “lakki anis waanuma keessan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo ol baatu
arge” jedhee itti hime. Kafanichas itti agarsiise. Waggaa isaatti immoo isaanis du’aa
ka’uu ishee Toomas argee nu qofa hin argin hafne jechuudhaan soomaa torban lamaa
qabatan. Isaanis heeyyama Waaqayyoo ta’ee du’aa ka’uu ishee guyyaa 16ffaa iratti,
yeroo lammataaf akka haaraatti ni argan, sanarraa kan ka’e hanga ammaatti manni
kiristaanaa keenya hordoftoonni amantaa Ortodoksii soomana filchataa kana ni
soomu, guyyaa 16 ffaa kana irrattis ayyaanicha ni kabajji.
Ayyaanni kuni ayyaanota gurguddoo 5’nan Dubaroo Maariyaamii keessaa isa tokko
dha. Kadhannaan haadha qulqullettii keenyaa Dubroo Maariyaam, baay’es gara
laafettii kan taate, sugni haadha Gooftaa Iyasuus, nu faana haa tahu. Ameen.

Posted by Waldaa Nahimiyaa at No comments:


Email ThisBlogThis!Share to TwitterShare to FacebookShare to Pinterest
Object 1

Monday, August 19, 2013


Ayyaana Buhee( Tulluu Taabor)
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!

"YAA BARSIISAA OSOO AS JIRAANNEE AKKAM GAARII DHA!''(Mat 17:1)

Gaara Tabor yookaan Afaan Gi’iiziin “Debre Taabor” jedhama. Argamni isaa
Israa'el, kibba baha Galiilaatti argama. Bakki kun Gooftaan keenya Fayyisaan
Addunyaa fooniin lafa kana irra deddeebi'ee barsiisaa fi iddoo raajii baay’ee itti
hojjetedha. Jireenya yookaan seena mana kiristaanaa keenyaa keessattis bakka
guddaa kan qabu dha.

Yeroo Gooftaan keenya lafa kana irra deddeebi'ee barsiisaa turetti uummata yeroo
sana jiraniif beekkamtii tokkoon hin beekamu ture. Eenyummaa isaa irratti shakkii
adda adda qabu ture. Kanaaf gooftaan keenya duuka buutota isaan "Namootni
eenyu nan jedhu?" (Marq 8:27) jedhee isaan gaafate. Isaanis, "Yohaannis
cuuphaa, Eeliyaas, kan hafan immoo raajota keessaa tokko jedhu" (Mat 16:14)
jedhanii Gooftaa keenyaaf deebisan. Gooftaan keenyas duuka buutota isaan, "Isin
hoo eenyu naan jettuu?" (Mat 16:15) jedhee isaan gaafate. Duuka buutota
keessaa Qulqulluu Pheexiroos, " Ati Kiristoos ilma Waaqayyoo isa bara baraati."
(Mat 16:16) jedhee deebiseef.

Achumaanis akka gidirfamu, du'uu fi guyyaa sadii booda akka ka'u isaanitti hime.
Pheexiroosiin gorsee hafuura hamaa isa faana tures ari'eefi. Bartoota isaa fi
uummataanis "Kan lubbuun isaa akka fayyu barbaadu of ganee fannoosaa baate
na duuka haa bu'u" (Marq 8:31-34) jedhe.

Egaa asitti wanti hubachuu qabnu ergaa guddaatu nuuf kaa'ame salphaatti kan
ilaalamu miti. Yoo jiraachuu feene, yoo mootummaa Waaqayyoo feene, yoo
waanjoo seexanaa jalaa bahuu barbaadne , yoo abidda bara baraa jalaa galuu
barbaadne ifaaf ifatti gooftaan keenya jireenya keenya biyya lafaa irratti daandii
isaarra akka deemnu nuuf dhaamera.

Erga kana barsiisee guyya jahaa booda Gooftaan keenya duuka buutota isaa
keessaa Pheexroos, Yaa'iqoob fi Yohaannisiin fudhatee gara Gaara Ejersaatti
kadhannaaf ol-bahe. Isaaniin dhiisee gara fiixee gaarichaatti bahee osoo kadhachaa
jiruu; fuulli isaa geeddarame, uffatni isaa addaatee, akka bakakkaatti calaqqise,
asumaan namootni lama dhufanii isa faana (waliin) osoo jiranii argan. Isaanis
Musee fi Eeliyaas turani.

Yeroo kana Pheexiroos "Yaa barsiisaa osoo as jiraannee akkam gaarii dha;
daasii (godoo) sadii tokko siif, tokko Eeliyaasiif, tokkommoo Museef haa
ijaarru" (Mat 17:1) jedheen. Garuu baay'ee sodaatee waan tureef waan dubbachaa
ture hin beeku.

Yeruma sana duumessi Afuura Qulqulluu fakkeeffamuun isaan uffise, sagaleen


"Kuni ilma koo isaa jaalatamaadha isa dhagahaa" (Marq 9:7) jedhu dhufe. Isaa
booda Gooftaan qofaa isaa hafe.

Yeroos dadhabinni, shakkiin, xuriin laphee duuka buutota isaa ni qulqullaa'e.


Gooftaan Beeteliheemitti moofaatiin marame horii waliin bule, foon namaa isa
cubbuun itti raawwatamu uffatee tuffatamaa ture ifa isaan kabaja isaa mul'ise.
Duuka buutotni isa waliin bahan sodaan waan hundaa hordofaa turan. Gooftaan
kadhannaa namaa kan hin irraanfanne kadhaa Musee fi Eeliyaas yaadatee isaaniif
kabajaan mul'ateef; Museen awwaala keessaa yommuu waamamu Eeliyaas immoo
iddoo Sabni Jiraattotaa (Biheere Heyawaan) warri hin duune jiraatanii tii
waamame.

Egaa waan Gaara Ejersaa kana irratti raawwatame kun Waaqayyo namoota du'anii
fi fooniin jiran kan walitti fide dha. Namootni isaan Musee ykn Eeliyaasi jechaa
waan turaniif gooftaa isaanii uumaa isaanii ta'uusaa mul'ise.

Kana sababeeffachuun manni amantaa keenya gaafa Hagayya 13 ayyaanota wagga


waggaan ayyaana Gaara Ejersaa jechuun, guca yookaan ibsaa gubuun ni yaadatti.

Yeroo ammaa kanas raajii nama dhibuu fi kiristaanota qormaata keessa galchuuf
namootni yaada sobaa fi barsiisa mana amantaa keenyaan ala ta'een, ergamoota
Daabiloos ta'uun mana kiristaana keenya qoraa jiraachuun isaanii waan dhokate
miti. ‘Ani Dubree Maariyaamii dha ani ergamaa dha’ yeroo jedhanii namaan
dogoggorsan argaa jirra.

Qulqulluu Pheexiroosis osoo as taane gaarii dha kan jedhes yommuu hiikamu
mana kiristaanaa yookaan mana amantaa keessa jechuusaati. Kanaafi dha yeroo
baay'ee manni kiristaanaa keenyaa sababiin gaaran fakkeeffamtuuf.

Eeyyeen mana Waaqayyoo keessa ta'uun gaarii dha. Mana Waaqayyoo deemuun ni
barbaachisa. Hojii foon keenyaaf ta'u yeroo kenninee akkuma hojjennu jireenya
keenya isa boruuf fayyina lubbuu fi foonii argachuuf galaa kaawwachuun nu
barbaachisa.

Gaarri Ejersaa kun akka barsiisa mana amantaa keenyaatti bataskaanan bakka
buufamti. Yaa maatiiwwan Waaqayyoo egaa maaltu akka mana Waaqa haa ta'u!
Kan akka Waaqayyoon eebbisaa, faarfachaa, kadhachaa, galateeffachaa, jaalalaa fi
haguuggii Waaqayyoo jala jiraachuu caalu jiraaree.
Nuyis egaa akkuma jiruu keenyaaf yeroo kenninee, mana amantaa keenyaa
deemnee Waaqa jaalalaa keenya eebbisnee, kabajnee, faarfannee, barannee galuun
nurra jiraata.

Gooftaan keenya akkuma Gaara Ejersaa irratti Musee fi duuka buutota isaaf
Waaqummaa isaa dhugaa baheef nufis iccitii isaa nuuf haa ibsu! Kadhaan haadha
keenyaa Dubree Maariyaamii fi Qulqullootaa nu waalin haa haa ta'u! Ameen!!!

Das könnte Ihnen auch gefallen