Sie sind auf Seite 1von 39

0

0
0
i
ii
AXEEREERAA

Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu qaaccessaa weedduuwwaan loonii fi bu’aawwaan loonii
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee yommuu ta’u, kaayyoo qorannoo kanaas weedduu
loonii fi bu’aawwaan loonii erga qaaccessen booda dhaloota, itti aanuuf dabarsuudha. Bu’aan
qoraanoo kanaa inni guddan afaan kana beeksisuu fi odeeffannoo gahaa kennuun namoota
birootis akka yaada ka’umsaatti tajaajila jedhameeti. Kana fiixaan baasuuf gosti qorannoo
qoataan itti gargaaramee gosa qorannoo qulqulaawwaadha.Tooftaan iddatteessuu qorataan
iddattoo isaa ittiin filate tooftaa iddatteessuu al carraa keessaa mala iddatteessuu
kayyeeffatamaa yoo ta’u, oddeeffannoo qorannoo kanaas afgaaffii fi maarii gareettin kan walitti
qabaman. Qorannoo kun qaaccessaa odeeffannoo jalsatis odeeffannoowwan bifa addaa ddaatiin
walitti qabaman kallattiin garagaratiin xiinxalamaan qaacceffamaaniiru.Dhumarrattiis hojii
qorannichaa cuunfaan argannoowwan biraa ga’amaan erga ibsamanii booda rakkoowwanii fi
hanqinota mul’ataniif yaada furmaataa kennameera.

iii
BOQONNAA TOKKO
1 Seensa
1.1 Seenduubee qorannoo

Ummanni oromo ummata seenaa, duudhaa, Amantii, Adaaa, falaasama mataa isaa kan qabudha.
Akkasuma ogafaan mataa isaa kan qabuu dha. Wanti afaaiin lufaa dhufan Kun seenaa,
eenyummaa, falaasama, ilaalch hawaasaa, duudhaa, amantii, safuu, diinagdee, siyaasa
uummatichaa, beekumsa, muxannoo fi akka walii galaatti jireenya dhala nama baatanii tuursiisaa
as ga’an. Fiqaaden (1991) finneegan wabeffachuun afoola akkaa armaaan gadiitti qoode. Afoola
gaggababoo, hiibboo, mammaaksa, jechamaa fi Kanneen kana fakkaatan.Inni lammaaffaan
Afoola Af holola, himaamsa, oduudurii, afseenaa, sheekoo fi kanneen kna fakkataniidha. Inni
Sadaffaan Afwalaloo, Faaruugootaa, Faaruu loonii (Waeedduu loonii) Huruursa Daa’immanii,
Sibootabirraa, Sirboota ga’elaa, geerarsa fi kanneen kana fakkataniidha.

Ogafaan yeedaloon kennamuufis dhiisus ogumma hawaasni durii kaasee waliin as gahee nutti
kennedha.Jireenya hawaasaa keessatti sochiin godhamuu bu’aa bahii jireenyaa mudannoo fi
rakkoowwan isaan mudataniif qabsoon godhamu keessatti beekanis ta’e osoo hin beekiin
ogafaan kalaqamaniiru. Ogafaan saba tokko dhalli nama naaf haata’u jedhee qooqasaatti
fayyadamuun eenyummaasaa, yaada, fedha, amantaa, aadaa, duudhaa, mo’uufi mo’amuusaa
deggarsaaf diddaasaa dhalootaa dhalootatti kan ittiin dabarsaa ture umrii dheeraa kan qabu
qabeenya uummataati.

Hawaasni ogafaan saatiin falaasamaf akkaataa ilaalcha jireenya waliin galaarraatti qabu ibsata.
Kanaafuu ogafaan dilbii uummataa kan haalli walii gala muuxannoofi beekumsaa keessatti
waliitti qabamanii ittiin har’a as gahniidha.Ogafaan waa’ee labata darbee isa har’aatti himuuf
human waan qabuuf wantii hawaasaa keessaatti fudhatama qabu akka ittii fufu, kan hin taane
ammoo akka hafu ogafaanitti gargaaramna. Hawaasni miira keessatti dhaga’amu dhiibbaa irra
geessifameef dhiibeewwaan nama isa qaqqabellee ogafaan isaatiin ibsata.

Misgaanuu (2011:26) ogafaan haala jireenya hawwaasa tokko kan murteessuufi


kuufamabeekumsaa kan fuulduratti hawaasaa fuudhee deemuudha. Hawaasni ogafaan saatiin
muuxannoojiruufi jireenyaa duudhaa rakkina jireenya keessatti isamudate ittiin ibsata.
Gooroowwan ogafaani keessaa afwalaloo isaa tokko. Afawalaloo barreeffamaan otoo hin tahiin

1
afaaniin dhaloota tokko irraa isa ittii aanutti naannoo tokko irraa gara ollatti kan
lufudha.Afwalaloo salphaatti ibsaani darbuun akka hin dandahamuu. Afwalaloo oromoof hiikaa
hunda galeessa ta’e tokko lafa kaa’uun nicima. Kanaafuu afwalaloon gama tajaajilaafi
faayidaasaatin ilaalutu salphata.

Af walaloo ilaalchisee Misgaanuu (2011) Afwalaloon meeshaa guddaa yaada keessa ilmaa nama
keessaa jiru ittiin bakkeetti baafatan ta’ee waan yaadan,waa’ee jaalalaaf jibbaa,Waa’ee mul’ataa
fi abdii fuula duraa,Waa’ee uumaa fi uummama, Waa’ee bareedinaafi Fokkina dhimma
roorroo fi dhiphuu dhimma hojii guddaa kan ittiin ibsatanidha.Afwalaloon afaaniin
dhalootarra gara dhalotaattii darbu akka daawwititti. Sababni tokko ofiisaa kan keesstti
ilaaluta’uuf waa’ee uummata darbamanii uummata har’aatti kan ifa godhuudha. Afwalaloon
yeroo irraa walaba ta’e ammo dhimma yeroo waliin walqabatee otoo hin ta’in yeroo
kamiiyyuu waleeddifamuu, geerraramuufii faarfatamuu kan dan dahuudha..Walumaa galatti;
uummanni oromoo dirree bal’aarraa qubatee kan jiru yoo ta’eyyuu loognisaa waliif kan
baratamuudha.Afwalaloo uummatichaa keesaa weedduun isa tokkodha. Weedduun afwalaaloo
hawaasa oromoo biratti bal’inaan beekkamaan keesaa isa tokkoodha. Innis akkaataa hawaasni
gaddaa fi gumaachuu itti dabarsuu fi ilaacha hawaasaa ibsuuf sirreessuuf gargaara. Weedduun
loonii jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti iddoo guddaa qaba. Oromoon dur looniif iddoo
guddaa kennaafi ture. Sababni isaa namni loon hin qabne deegadha jedhanii itti amanu.
Loon malee jiruun hin jirtu jedhanii fudhatu. Akkasumas nama loon hin qabnes ni dabarsuf
ummanni oromoo loon horsiisuu jaalata. Akkasumas, loon horsiisuu jaalatan loonis weddisuuf
jaalatu. Dabalataan Gammachuun (2003: 8-9) weedduu ilaalchise “Songs are one of the most
wayin which the oromoo express their tradition customs. Beliefs ritual, sorrowand joys.and
songare the means by which the society expresses its feelings and emotion understanding about
the past reacts to the presents situations teachs the new generation and for wards to the coming
generation. Akkuma yaada kanarraa hubachuu danda’amu weedduun karaa ummanni oromoo
barsiifata, duudhaa, amantaa, sirna waaqeffannaa, gaddaa fi gammachuu ittin ibsatudha.
Akkasumas faaruun karaa ummanni miiraa fi dhageettii hubannaa yeroo darbee haala yeroo
ammaa dhalootaa haaraa ittiin barsiisuu fi dhaloota itti aanutti itti dabarsu dha.Qorataan
qorannoo kanaas afwalaloo hedduu jiran keessa weedduu loonii fudhachuun sababaa fi iddoo itti
weeddifamu irrattis hunda’un akkasumas qabiyyee weedduu qabu hedduu keessaa immoo

2
xiinxalee hubachuun weedduu taateewwan Fantaallee funaanee qabiyyee isaa qaaccessun
qorannoo isaa gaggeesera.

1.2 Hima Rakkoo

Afwalaloo oromoon qabu keessaa weedduun isa tokkodha. Inni sababoota garagaraa irraa kan
ka’e dagatamaa dhufuu danda’a. Kun immoo aadaa, duudhaa, falaasamni fi seenaan sabichaa
akka dagataman taasisa. Qorataan kunis haalota kanneen hubatee xiinxalluun sababoota
weeddifamuuf faayidaan isaa qabiyyeen isa fi kan kana fakkaatan akka dagatamaniif saaxilan
beekuun maaltu furmaata akka ta’u irra ga’uun dhaloota har’aafis bifa barreeffamaan taa’ee akka
dubbifamuf kan kaasedha kana taasisuu immoo dirqama nama baratee waan ta’eefi dha.
Qorannoo kana gaggeessuuf wantii qorataa kana kakaase inni biroo Godina Shawaa baha Aanaa
Fantaallee qorannoon mata duree kanaaf kanaan walfakkaatu irratti hojjatame waan hin
fakkaanneef qorannoo kana gaggeessuuf qorataa kana kakaase. Kanaaf qoraannoon kun
gaaffilee armaan gadiif deebii kenna jedhamee abdatama

Gaafileen kunneenis;

 Weedduun loonii maali?


 Aanaan Fantaallee taateewwan akkamii keessatti weeddisa.
 Qabiyyeen weedduu loonii Aanaa Fantaallee maal fakkaata?
 Weedduun loonii Aanaa Fantaallee yeroo ammaa sadarkaa maalirra jira?
 Bu’aawwan loonii maal fa’a?

1.3 Kaayyoo Qorannicha

Qorannoon kun kaayyoo gooroo fi gooree of keessaa qaba.

1.3.1 Kaayyoo Gooroo Qorannicha.

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa kallattidhaan qabiyyee weedduu loonii Godina


Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee qaaccessuun hubannoo isaa barreeffamaan dhalootaaf dabarsuu
fi tursiisuu ta’a.

3
1.3.2 Kaayyoo Gooree Qorannicha.

Kaayyoon gooree qorannoo kanaa:

 Maalummaa weedduu ibsuu.


 Weedduu taateewwan Fantaallee yaada inni dabarsu ibsuu.
 Qabiyyeen weedduu taateewwan Fantaallee maal akkata’an tarreessuufi ibsuu.
 Weedduun loonii Aanaa Fantaallee yeroo ammaa maalirra akka jiru ni ibsa.
 Bu’aawwan loonii ni ibsa.

1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa.

 Bu’aan qorannoo kana irraa argamu hedduu ta’uu danda’a jedhame yaadama.
 Gosa afoolichaa badirraa hambisuufi beektota dirree qo’annootti seensisuu danda’a.
 Gosti afoola birroos akka qoratamuuf karaa ni saaqa.
 Namoota mata duree kanaan barbaadanif ka’uun sani ta’aaf.

1.5 Daangaa Qorannichaa.

Qorannoon tokko yommuu gaggeeffamu daangeffamuu qaba. Daangaa kunis karaa lamaan
dhiyaachuu danda’a. Kunis Naannoo (iddoo) Qorannichii itti gaggeeffamuufi qabiyyeedhaan ta’a
gama iddoo qorannichaatiin qorannoon kun kan gaggeeffamu Godinaalee Oromiyaa qabdu
keessaa Godina Shawaa Bahaa Aanaalee Godinni Shawaa Bahaa qabu keessaa Aanaa Fantaallee
Gandoota Aanaan Fantaallee qabu keessaa Gandoota afur. Gandoota afran keessaa immoo
namoota lama lama fudhachuun qorannoo kan daangeffamuudha. Sababni isaas Aanichatti
hawaasni waa’ee weedduu taateewwan Fantaallee beekumsa walfakkaatu waan qabuuf, Sababin
inni biraa Godinalee Oromiyaa keessatti argamani fi Aanaalee Godina Oromiyaa keessatti
argamaniifi bay’ina namoota Aanaa fi Gandaa hundaa irratti qorannoo gaggeessun baajata
guddaa fi yeroo dheeraa waan fudhatuuf. Dabalatan immoo qorannoo qulqulina qabu
gaggeessuuf waan hin mijaneef.

Gama qabiyyeettin immoo Afwalaloo hedduu oromoon qabu keessaa qabiyyee weedduu loonii
taateewwaan Fantaallee qaaaccessuu irratti kan daangeffamuudha. Sababni isaas qabiyyee
afwalaloo jiran hunda irratti qorannoo gaggeessuufi.Qorataan kunis Naannoo (iddoo) fi qabiyyee
olii irratti qorannoo isaa kan gaggeessu ta’a

4
1.6 Hanqinna Qorannichaa

Jiruu fi jireenya keessatti gufuu (rakkooleen) adda, addaa nama qunnamuu danda’u. Qoratanis
qorannoo kana yeroo addemsise rakkooleen adda, addaa isa qunnamaniiruu. Rakkooleen kunis
hedduu ta’aniyyuu isaan keessaa muraasin hanqina yeroo, hanqina mallaqa, hawaasaa keessaa
galuun yeroon odeeffannoo guuruu hawaasni faayidaa fi adeemsa sirnichaarrattii odeeffannoo
gaha kennuu dhiisuu fi hanqinni meeshaalee odeeffannoo ittiin funaanamuu na qunnameeraa.
Haa ta’u malee qorataan toofta garagaraa gargaaramuun oddeeffannoo ga’aa argachuun
qorannoo isaa fixaan baafatee jira.

5
BOQONNAA LAMA

2.1 SAKAATTA’AA BARRUULEE

Qabiyyeen boqonnaa kanaa mata dureewwaan adda addaa of keessaa qaba isaanis:

Maalummaa afoola, amaloota afoola, faayida afoola, gosoota afoola, maalummaa weedduu,
gosoota weedduu maalummaa weedduu loonii fi faayida weedduu looniiti

2.2 Maalummaa Afoolaa

Abarra (1993:52) Afoola yommuu ibsu afoollii dame ogbarruu hin barreefamin ta’ee aadaa,
seenaa, falasaam, kan kana fakkatan dhalootatti dabarsa.

Yaada kanarraa wanti hubannuu afoolli afaaniin dhaloota dhalootattii darbuu isaa akkasumas, og
barruu hin barreeffamiin akka ta’ee dha.

Akka kitaabni Soofiyaa (1999:1) irrattii ibsuuttii, afoola jechuun akkuma maqaasarraa
hubatamuu barreeffamaan osoo hin ta’iin afaaniin dhaloota dhalootattii darba.Akka walii galattii
yaada kanarraa kan hubannuu afoolli afaaniin dhalootarraa dhalootattii darbaa kan dhufe fi
darbaa kan jiruu, fuldurattis kan darbuu, akkasuumas eenyuummaa, haala jiruu fi jireenyaa
hawaasa tokko kan mul’isu ta’uu ni hubannaa.

Dabalataanis Zarihun (1992) Afoola yommuu ibsuu, afoola kalaqa afaaniin ta’ee kan muudannoo
hawaasaa tokko afaaniin dhalootarraa dhalootattii darbuudha. Kunis kan darbu, bifa weedduutiin,
barsiifatan, gochaan, sirbaan kan dhaloota dhalootattii darbuudha jedhe.

Yaada kanarra wanti hubannuu afoolli jiru fi jireenyaa ilma namaa keessaatti gochaalee dhallii
nama keessaa darbe afaaniin dhalootarraa dhalootattii dabarsa.

Haaluma kanaan Tafariin (1998:157) afoola yommuu ibsuu, Afoolli hojii huccuu midhagina
walitti qindeessee afaaninn dhalootarra dhalootattii kan dabarsaa tureedha. Kanaafuu aadaa fi
seenaa saba tokkoo, sadarkaa guddina saba hawaasichi irraa ture, sadarkaa gudinna fi bal’innaa
afaanii kan calaqisiisuujechuudhan ka’a. Dabalataan Tafariin fuula kanaratti afoola yommuu ibsu
afoolli hojii kalaqa sammuu fi (imagination) ilma nama keessattii mullatuudha. ummatni tokko
ummata nama naannoo isa ogummaa, muuxannoo, fi beekamtiin hubachuu fi xinxalluurraatti

6
xiyyeeffataa gammachuu, gadda, rakkoo, badhadhinna ykn misooma diqisiifannooti hawaasa
kan biroo adda addaatin ibsudha.

2.2Amaloota Afoolaa

Afoolli amaloota hedduu qaba isaan keessaa kanneen bu’uura ta’an hurruubummaa,
jijjiiramuummaa, lufummaa, ummatummaa miidhagummaa fa’aadha.

Gadittii dhiyaatuu jirraa waabiti Wasane Bashaa

Yaada kanarraa wanti hubannuu afoollii amaloota hedduu qabachuu isaatii. Isaan keessaa
muraasni isaanikanneen ta’u isaati.

2.2.1 Hurruubummaa

Amaloota afoola keessaa tokko hurruubummaadha. Zarihun (1992:25) yoo ibsu akkan jedha. ( )

Kana jechuun, dhaamsi afoola tokko guutumaan guututii hala dubbatameen darbuu kan danda’u
akkasumas, midhagina qabiyyee fi buu’aa isaa waliin argachuu kan danda’amu gochaan kan
dhiyaatu yoo ta’e qofaadha.

2.2.2 Jijjiiramummaa

Jijjiiramni afoola jijjiirama fedhii hawaasa yeroodha yerootii taasifamu waliin waliin waan wal
qabatuuf kan uumamuudha Wasaneen Finnegan wabbeeffachuun (1970:7) jijjiiramummaa
yommuu ibsitu there are also the case when the performer introduces variation on older pieces or
eventually new forms interims of the detailed word in, structure, or the content jettii.

Yaada aramaan olii kanarraa wantii hubannuu afoolli dhalootarraa gara dhalootattii kan darbu
afaaniin waanta’eef, fageenya yerootin kan ka’e qabiyyee buusaa isaarraattii jijjiiramni
uumamuu danda’a kan jedhu hubachuun ni dandaama.

7
2.2.3 Uummatummaa

Jaarraa fi Wasanee (2009:66) akka jedhanittii afoollii qabeenyaa uummataatii. Afoollii afaan
oromoo keessaa jiranis kan saba oromoo hundaa waan ta’eef, miseensichii hawaasichaa
hundinuu abbuummaa keessaa qaba. Kana jechuun afoolli qabeenyaa ummataati afoollii akka
kitaaba abbaa barreesseen hin waamamuu uummata sanaan wamamaa afoolli yeroo kamiyyuu
garee barbaada afoollii amala hawaasuma qaba.

2.2.4 Lufummaa

Afoolli hara’a jiru kaleessarra qaxxamuree as ga’e, akkasumas boruttilee ni tarkaanfata.


Kanaafuu barnoota dheeraaf dhalootarraa dhalootattii daddarbuu danda’a. yaada kana Finnegan
(154) Wirtuu jildi 4ffaa keessattii yoo ibsitu afoolli dhaloota, dhalootattii kan daddarbuu kara
laman. Innis afaaniin fi gochaan yoo ta’u, afaaniin kanneen daddarban mammaaaksa, hiibboo,
sheekoo, eebbafi abaarsa,durduri yoo ta’an, kanneen gochaan daddarban ammo shaggoyyee,
ateete, ragada, weedduu, tirii, gelloo, gerarsaa, jechaan deggaramanii gochaan darbu jechuun
ibsite.

2.5 Miidhagummaa

Ulaagalee qabiyyee ogbarruu barreeffamoota akka saayinsii fi seenarraa adda taasiisan keessaa
miidhaginafi qindoomina qabaachu isaatii. Afoollii miidhagina addaa akka gonfatan wantoonnii
gargaaran yaa’afi yeedaloo qabachuu isaa, dubbiiwwaan qolaa adda, addaatttiin
dhiyaachuu,deddeebii sagale, suuraa sammuuttii uumuu, qomatti qabatamuu danda’uu fi
muuxannoo dhugaa hawaasicharraa kan maddan ta’uusaatii yaaduma kana
cimsuufWasanee(2005:168)irraattii miidhagummaa yommuu ibsu, miidhagummaan ergaa
(dhaamsa) ifa ta’een yoo dabarsine miidhagumaa jennee moggaafna miidhagummaan haala
afoolli sun miira sammuu ilma nama hawwachu dandahun dhiyaachuu ifaa mul’isa jechuun ibsa.

8
2.3. Faayidaa Afoolaa

Afoolli faayidaa hedduu qabaa. isaan keessaa akka jaarraaW.B Fi WB yaadatu (2008) kanneen
armaan gaditii isaanis ibsuu, cimsuu, dabarsuu, too’achuu fi miliqsuu fa’a.

2.3.1 Ibsuuf

Afoollii gaafillee naannoo keenyaarraa ka’anii deebi kennaa. wantoota naannoo adda, addattii
argaman irrattii hubannoo cima ta’a tokko dabarsa, eessa dhufte ykn madda wanta garaagaraa
irraattii deebi nuuf kenna.

Yaada armaan olii kanarraa wanti hubannu afoolli gochilee naannoo keenyarratii ka’aniif deebii
kennuuf nu fayyadaa. Akkasumas naannoo keenyaa keessaa wantoota jiran ibsuufi.

2.3.2 Cimsuu fi dabarsuu

Afoolli aadaa ummaticha dhalootarraa dhalootatii cimee akka darbu taasisaa aadaan fudhaafi
heeruma aadaa hasawaa, addaa nyaata, ateetee aadaa wal kabajuu cimee akkaa darbu taasisaa.
Afoolli waa’ee namootaa hawaasaa keessatti ga’ee guddaa taphatani cime darbu akka qabu
taasisaa. kanaafuu afoolli seenaa aadaa saba tokko barruu qofarrattii kan xiyyeeffayu osoo hin
ta’in, cime osoo wal irraa hin citin itti fufuu qabaachuu qaba. Hariiroo amantis cimsuu dhaloota
dhalootii dabarsa. Kana jechuun afooli wantoota hawaasa keessattii argaman barreffaman osoo
hin ta’iin afaaniin cime dhaloota dhalootattii akka darbuu taasiisa jechuudha.

2.3.3 Too’achuu

Afoolli seeraa ykn aadaa uummanii qabuu keessatti amaloota bada (gadhe) ta’an akka
balaaleffataniif,amalooni fudhatama qaban ammoo akka cimaanifii itti fufan gochuudhan ykn
amma seerii aadaan ummatichaa akka hin cabe eegudha afoolli amaloota badii fidu danda’aan
balleessuudhaan saaxiluu. Kana jechuun afoollii safuu hawaasichaa akka hin cabne fi wantootni
fudhatama hin qabne akka hafuu taasisaa. Kana malees wantoota hawaasicha irratti midha fiduu
danda’aan jedhamuun yaadamu nii balleessaa.

9
2.3.4 Miliquuf

Jiruufi jireenyi ilma namaa dhiibbaa, hidhaaseerota adda addaa, yeroo siyaasa, amantaa, uuma,
uumaa fi qabeenyaarraa kan ka’ee bu’aa ba’ii heedduun kan guutameedha. Dhiibaawwan
kanneen kallattiin qolachuti mormaachun rakko namarran kan ga’uufi midhaa qaamaa,
hawaasummaa, dinagde fixiin sammuu fidu dandanda’aan jeedhamee yoo soodatame afoola adda
addaattin fayyedamanii miiraa keesaa isaanitii dhikifatuu fukkafachun boqonnaa argachu fi
dhiibbaa mudaachu danda’uu jalaa miliquun addunyaa yaada boqonnaa qabduttii godaanuun gara
addunyaa kolfaa, taphati bashannansiisaattii darbuu.

Yaada armaan olii kannarraa wantii hubannuu, afoolli yeroon rakkooleen adda, addaa nama
qunnaman rakkoo san jala akka bahan nama taasiisaa kana male rakkoolee kanas kalattiin osoo
hin ta’iin alkallattiin afoolotii fayyadamu wanta samuu namaa rakkisuu baafatuu jechuudha.

2.4 Gosoota Afoolaa

Akka jaarra fi wasane ibsanitti afoola gosa gosaatti qooduun ni danda’ama. Isaanis mammaksa,
hibboo, jechama, sheeko, weedduu kan kana fakkatan fa’aa dha. Kanneen armaan oliin keessaa
weedduu haa ilaalluu.

2.5 Maalummaa Weedduu

Weedduun afoola walaloo dhaan dhiyaaatan keessaa isa tokkodha.Akka syke J.R (1916:72)
weedduun yommuu hiikuu “Ballad is simple song to some especially sentimental or komantic or
narrative composition of several kereses each song to some meledy with accompaniment
merlysubordinate” jechuun hiika. Yaada kanarraa wantii hubannuu weedduu jechuun salattii
qoosa ta’ee yeedaloo midhaagaa miira namaa harkisuun qinda’ee seeraa jaalalaa akkasumas
marartee fi jajuu kan ibsu jechudha.

2.6 Gosoota weedduu

Weedduun akaakuu heddu qabaachuu danda’aa. Isaan keessaa akka Cloude sumner (1995) ibsetti
kanneen akka weedduu jaalalaa, weedduu loonii, weedduu amanta, weedduu godaansa, weedduu
gootaa fa’aadha.

10
2.7 Maalummaa weedduu loonii

Haalumaa ibsaa weedduu jedhurraa hubatamuun dandamutii weedduun loonii jechuunis sirba
gaarii namni jaalala, marartee fi nyaattoo looniif qaban ittin ibsatani dha. weedduu aadaa oromoo
keessattii beekaman keessaa inni tokko weedduu loonnitti. Oromoon loon isaa kan weeddiffatuu
waa male miti.Loon uumamumaan jirenya namaatif kan barbachisan, tajaajila adda addaa
kennuu omishaa midhaanii ga’ee ol-aanaa qabu kanaaf sabni oromoo loon guddaa mararsiitata.
Hayiluun (1997:118) jaalala oromoon looniif qabu yeroo ibsu oromoo fi saawwan /loon jechuun
hadhaa fi ilmoo jechuudha jedha.

Yookan kan nu hubachisuu oromoon swwaniin/loonin/gargar bahe jirachuu hin danda’uu jiruu fi
jireenya isaanii loowwanii. Dabalaatanis caloud summer (1995:23) in oromoo society the best
cattel ment are equally respected together with those who have distinguished them selves on the
battle field or a big game hunting jedha. Yaada armaan oli kanarraa wanti hubannuu mararte
sawwaniif qabaniirati kan ka’ee sabni oromoo namoota sawwaan baay’ee horsiisuudhaan
beekkamanille akkuma goota baka gudda kennuu fi

2.8 Faayidaa weedduu loonii

Akka Nagaariin (1992:82) ibsuttii weedduun marartee ummatichii looniif qabu ibsuurra darbee
dhageeffatoota waan barsiisuu qaba. Weedduun loooni gara tokkoon amala fi faayidaa loonii
akkasumaas kunuunsa isaaniit qabu hubachiisa karaa kanaan weedduun loonii tofta barsisuu kan
oromoon oollee isaa haala jiruu fi jireenya isaa ittin of barsiisuu jechuun ni danda’ama weedduun
loonii eega akkuma ogbarruu hin barreeffaminii dhugaa jireenyaa hawaasa midhaagse kan
ibsuudha. Yaada armaan olii kanarraawanti hubannuu weedduun loonii akkuma afoola kaawanii
dhalotaa dhalootatii darbuu isaati akkasumas, jiruu fi jireenyaa isaanii akka beekan taasisa.

11
BOQONNAA SADI

3. Malleen Qorannoo

Qorataan kun qorannoo Akkamtaa (qulqullaawaa) fayyadama. Sababni isaas qorannoo kun
odeeffannoo dhimma kanaan wal qabataa hawaasarraa guuruun gadi fageenyaan ibsuuf mijataa
waan ta’eefidha yaada kan Addunyaa (2011:10) “Qorannoon akkamtaa gaafiwwan maaliif?
Akkamitti? Jedhaniif deebii deebisuuf carraaqa” jedha. Kanarraa kan hubannuu malli qorannoo
akkamtaa odeeffannoo hawaasaa keessaa qaaccessuu fi deebii kennuuf.

Panneerselvam (2004) Qorannoon akkamtaa odeef kenitoota irraa raga argamee fi waan qoramu
gadi fageenyaan ibsuuf kan gargaaruudha jedha. Kanarraa kan hubannuu malli qorannoo kun
ragaa argamuuf wantii qoratamuu gadi fageenyaan ibsuuf kan gargaaru ta’uu isaati qorataan
kunis kana hubatee mala kanaan qorannoo isaa gaggeessee jira.

3.1. Maddoota Odeeffannoo.

Qorataan tokko qorannoo gaggeessuuf maddoota garagaraa isa barbaachisa. Qorataan kunis
maddoota odeeffannoo jiran lamaanuu (madda odeeffannoo sadarkaa 1ffaafi madda odeeffannoo
sadarkaa2ffaa) ni fayyadama. Akka madda odeeeffannoo sadarkaa 1ffaa tti hawaasaa Aanicha
keessatti argaman irraa odeeffannoo funaannachuun qorannoo isaa gaggeessee jira.

Madda sadarkaa 1ffaa ilaalchisee Panneerselvam (2004) yoo ibsuu maddi odeeffannoo sadarkaa
1ffaa qorannoo waqtaawaa fi akkasumas kanneen fuulduraaf ni gargaara kanaaf hamma
danda’ametti sirrittu funaanamuu qaba jedha.

Qorataan kun akka madda sadarkaa lammaffatti kan fayyadamn immoo qorannoowwa dhimma
kanaanf, walfakkaatan irratti gaggeeffaman sakatta’uun akkasumaas dokmantiiwwan garagaraa
sakkata’uun qorannoo isa gaggeessee jira..

Madda sadarkaa lammaffaa ilaalchisee Panneerselvam (2004; 30) yoo ibsu secondary data are
collected from sourse which have been all ready created for the purpose of the first time
use and future use jedha. Kanaa kan hubannu madda odeeffaannoo sadarkaa lammaffaa
qorannoo yeroo sanaafis ta’ee kan fuulduraatiif kan fayyaadan dursanii kan hojjaatan ta’uu
isaati.

12
3.2. Tooftaa Iddattoo

Qorataan qorannoo kanaa namoota ofii beeku irraa iddattoo isaa filachuun odeeffannoo isaa ni
funaannate jira. Gosa iddatteessuu kanaa keessaa isa mala iddatteessuu kayyeeffatamaa
(purpose sampling) fayyadamuun odeeffannoo isaa ni funaannate jira. Sababni isaas malli kun
qorataa tokkoo beekkumsa dhimmicharrattii qabu irraa ka’uun kan odeef kenniitoota
murteessuu waan ta’eef kannarraa kan hubannu malli kaayyeeffataman qorannoo akkam taa
keessatti beekkaamaafii namoota dhimmi chaf barbaachisaan qorataan kan filatuu ta’uu isati.

3.3. Meeshalee funaansa ragaa

Qorataan tokko yommuu qorannoo isaa gaggeessuu maloota adda addaatti fayadamuudhaan
odeeffaannoo isaa meeshalee funaansa ragaa fayadamuun funaannate jira. Haaluma kanaan
qorataan qorannoo isaa maloota adda addaattii fayyadamuun odeeffannoo isa funannateera.
Qorataan qorannoo kanaas meeshalee odeeffannoo ittiin funannaate afgaafii fi marii garee
xiyyeefannooti.

3.3.1. Afgaaffii

Afgaaffiin meeshalee odeeffannoo ittiin funaanaan keessaa isa tokko ta’ee; kan qorataafii
odeef kennaan fuulaafuulatti wal’arganii fi osoo wal hin argin bilbilaan odeefannoo ittiin walii
kennaaniidha. Akka Dastaan( 2013:111) ibsuttii afgaaffiin gosoota odeeffaannoo qorannoo
ittiin funaannamu keessaa isa tokko ta’ee kan qorataafi odeef kennaan fuulleettii
wal’arganii odeeffannoo walikennaniidha. odeeffaannaan afgaafidhaan funnaannamu wanti
garii tasisuu qorataan gaafii isaa sirritti ifa godhee akka ibsuuf odeef kennaa gaafachuu
danda’uu isaati.Qorataan qorannoo kanaas kana hubatee afgaaffii fayyadamuun magguuddotaa
weedduuwwaan looniifii bu’aawwaan loonii beekan irraa odeeffannoo funannata.qorataan
qoranoo kanaa irra caalaa afgaafii fayyadame kanaas gaafilee garagaraa kanneen mata
duree qorannoo kana waliin deeman namoota saddeet (8) filataman dhiira 4 fi dubara 4
gaafachuun weedduu loonii barreessuun sassabbadheera.

13
3.3.2. Mariigaree

Marii garee jechuun dhimma tokko irraatti namoota garee adda addaa walitti fiduudhaan akka
dhimmicha irratti marii’atan yookaan yaada kennantaasiosuudha.

Dornte; (2007:144) “focus group interviews as the name suggests in volve agroup format where
by an interviewer records the responses of as mall group (usually 6-12 members. This is
obviously an economical way to gather focus groups are used for avariety of purpose in many
different field”.

Akka yaada kannaraa hubbannutii gareen xiyyeeffanoo gaafiifi deebii keessaati gama yaadaatiin
group format of keessaa qaba. Karaa biraatiin gaafatamaan deebii gaaffii garee xiqqoo (6-12)
ittiin waraabatudha. Kun akkuma beekamu gama diinagdeetiin daataa qulqulinna qabuu fi
hammam guddaa ta’e sassaabuuf, Kanaafuu gareen xiyyeefannoo faayidaa garagaraatif iddoo
addaaddatti nu fayyada. Malli kun kan fayyaduuf xiinxalan muuxannoofi beekumsa warren
odeeffannoo kennanni mulisufi. Kunis kan ta’u yookiin kanraawwatu akkaataa isaan walwajjiin
beekumsaafi muuxannoo kana waliin hirmaatan adeemsa kana xiinxaluudha. Innis mata duree
marii sanaa ibsuun gaafilee mata durichaan walqabatan gaafachuun akkasumas akka miseensonni
garee sanaa yeroo mari’atan mata duree dhimmichaan ala hin bane too’achuun boqonnaa
kennaaafi kan mariisisuudha. Kanaafuu, qorataan kunis mala kanatti fayyadamuun qorannoo
isaanii geggeessee jira.

3.4. Adeemsa Qaaccessa Odeeffonnoo

Qorataan qorannoo kanaa qabiyyee weedduuwwan looniifi bu’aawwan loonii ni qaaccesse


jiraQaaccessa isaa kanas weedduuwwan loonii fi bu’aawwan loonii afgaafii, marii garee
fayyadamuun argatu irratti hundaa’uun geggeessee jira. Jalqabarratti waa’ee weedduu looniifi
bu’aawwan loonii erga ibse booda qabiyyee weedduuwwanii qaaccessa. Dhumarratti yaada
furmaataafi argannoo argate ni dhiyeesera.

14
BOQONNAA AFUR

4. Odeeffannoo Dhiyeessuu, Qaaccessuu Fi Hiikuu

Kaayyoon waliigala boqonnaa kanaa odeeffannoo karaa afgaaffii, marii garee argame
dhiheessuu, qaaccessuufi hiika it kennuu dha kunis maalummaa weedduu loonii faayidaa
weedduu loonii yeroo akkamii keessattii weeddisa weedduun loonii kun yeroo ammaa kana
sadarkaa maali iirra akka jiru fi sababoonnii weedduu loonii dubattii harkisa qaacceffamanii
dhiyaataniruu

4.1. Hiikkaafi Barbaachisummaa Weedduu Loonii

Weedduu loonii jechuun akkuma boqonnaa lama jalattii ibsamuu yaalameetti sirbanamoonnii
jaalalaa looniif qabanfi gara nyaattoo qaban ittiin ibsatanii fi ittiin jajaniidha.

Akka odeef himaan “A”jedheettii weedduu loonii jechuun sirba looniif weeddifamu jechuu dha
kunis kan gara nyaatotaa looniif qaban sana baafachuuf jechaa kan weeddifamuudha.

Dabalataanis akka odeessaan odeeffannoo koo”B” jedhuttii oromoon loon kan weeddisuu waa
malee miti uumamumaanuu loon jireenya ilmoo namaatif barbaachisaadha kanaafuu dur
oromoon looni bakka guddaa kenaatii turanii yeroo ammaa kan garuu namoonnii baay’ee loon
horsiisuu dhisaniiruu akkuma loon horsiisuun dhiifame san weedduun looniitis badaa dhufeera

Akka odeeffataan koo manguddoon umrii jahatama tokko jedhutti faayidaan weedduu loonii
jiruu fi jireenyaa, aadaa, seenaa fi falaasama uummata oromoo dhalootarraa dhalootattii akka
darbu ttaasiisaa kanamalees weedduun loonii kun tooftaa ittiin nama barsiisu qaba. Kunis nama
gorsuu, nama bashannansisuu danda’a.

Dabalataanis akka odeessaan koo manguddoon kun weedduu loonii barsiisuuf faayidaa qaba
jedhani. Fakkeenya kanatti aanee jiru haa ilaaluu

15
Hamataan ganda hin qabu

Haman wakkeelaa hin qabu

Namnii waa harkaa hin qabne

Armaa gata’i hin qabu

Mar’atee laalifatee

Alagaa naasi fatee.

Walaloo weedduu loonii armaan olii kana keessatti warra loon hin qabne ittii hubachiisuufi.
Akkasumas namni waa harkaa hin qabne nama gati hin qabu kan jedhufi namni loon hin qabne
olla hin qabu. Kanaafuu, namni looniin gurra qaba ykn looniin nama qaba. Akksumas warri loon
qabus loon kunuunsaan kan loon hin qabnes akka horanif kan weeddifamudha.

4.2. Yeroowwan Itti Weeddifaman

Akka odeessaan odeeffannoo koo”B, C, D , E, H” jedhanitti afoolli oromoo bakkaa fi yeroo itti
geggeeffamu qaba. Akkanumatti cal jedhamee kan raawatamuu miti. Akkasumas sirnaa fi seeraa
itti raawatus qaba jechuudha. Fakkeenyaaf hibboofi durduriin galgala galgala ibidda bira ta’uun
kan taphatamuudha. Weedduun loonii akkuma afoola kaawwanii iddoo fi yeroo itti
weeddifamuqaba. Kana jechuun yeroonamoonni walga’anii ta’an, yeroo sargii (cidha) yeroo
jabbii itti baasan, loon bishaan obaasan, loon gala ofaan, loon booji’an, yeroo akkan kan
weeddisan haala armaan gadiiti fakkeenya muraasa haa ilaalluu.

4.2.1. Weedduu Loonii Yeroo Jabbii Itti Baasaan

Akka odeessan “H” himaan odeeffannoo koo dubartiin umrii shantam tokko jedhanitti weedduun
loonii kun kan yeroo jabbii ittii baasaan weeddifamuudha.

16
Yaasaayyituu tiyya yaasaayyituu

Bareeda jechaan fuula

Fuula jechaan ilkaanii

Kan jedhu namni loon malee akka hin bareenne yknloon bakka hin jirretti miidhaginni akka hin
jiraannee kan agarsiisuu fi fulli nama ilkaan malee miidhagina akkuma hin qabne ilmi namas
loon malee miidhagee jiraachuu akka hin dandeenye kan ibsuudha.

Ilkaan kuula caamanii

Muchi sa’a aannanii

Afaan dhalattuu saayyaa

Morma dhala gadamsaa.

Akka yaada walaloo kanatti loon yeroo ganna rooba (dhoqqee) osoo hin jedhin bakkaa bakkatti
deemani waan dheedan akka sumas immoo bonas osoo hin jenne bu’aa bayiinhedduu keessa
qaxxaamuruun faayidaa ilma namaatiif kan argamsiisu ta’uu isaa kan nu hubachiisuudha.

4.2.2. Weedduu Loonii Yeroo Bishaan Obaasan

Ummani oromoo akkumaa jaalalaa looniif qabu, yeroo loon karaa bishaani ofan cal jedhanii kan
ofan osoo hin tane weeddisaa karaa bishaan jiru ofani obaasani

Akka deebisaan odeeffannoo koo “D” jedhetti.

Horee diidoo falqi

Diidoo falqi

Abbee jira ajaa falqi

Akka yaada kanatti bishaan ajaa hin dhuginnii abbeetuu siif jiraa bakka bishaan qulqulluun jiru
geesseen si obaasa jechuudhaan kan ittiin ibsatuudha.

17
Horee diidoo kuloo

Diidoo kuloo

Diddan malee bishaan kunoo

Kan jedhu kana keessatti akka yaada kanatti yeroo loon bishaan obaa ofan abbaan loonii loon
isaatin bishaan badaan mittii bishaan qulqulluun kinooti hin balfinaadhaa dhugaa jechuudhaan
abbaan looni loon isatti weeddiffatudha.

4.2.3. Weedduu Looni Yeroo Loon Gala Oofan

Akka odeessaan “C” jedhanittii ummani oromoo akkumaa jaalalaa looniif qabu yeroo loon gala
oofu waan jedhe weedissu qaba. Weedduun kunis akka armaan gadii kan fakata.

Hayoo mukaa baayii

Galgalee mukaa baayii

Akka yaada kannatti kan inni ibsu namni loon bobbaassee looninnutti galgalaayee mukaa bahii
bineensa jalaa hagaan karaa warraa (dahoo) sin gallaa jechuun kan weeddifatudhaa.

Daalacha garaa raadaa

Dorroobii lukaan gaayi

Akka yaada kanatti kan inni agarsiisu namni loon qabu bifa loon sanii maqaa dhahuun ilmoon ati
garaa qabdu tun raada tahu hin ooltuu jibicha ta’uun mala kanaaf akkanaaf daftee guddattu
dorrobii akka boruuf si abdadhutti naf dhali kan jedhe ittiin ibsaatuudha.

18
Hayyoo daree mulluu

Dareemoo daree mulluu

Ieillee garaa raadaa

Nigallaa arma hin bulluu

Akka yaada kanatti kan inni agarsiisu namni loon qabu loon isaatiin dareemoo dheedee quuftus
quufuu battus nigallaa arma hin bullu jechuun tikseen loon sanii mallattoo (sumudaa) loowwan
isaani san maqaa dhahuun kan ittiin jaalala loonwwan isaanii ittiin weeddisanidha.

Akka odeessaan odeeffannoo Koo “E” naan jedhetti weedduun loonii kan yeroo gala oofanii kan
armaan gadii fakkaata.

Hayyoo kale heenaa

Kalaadoo kalee heenaa

Barruu riiroo aduun dhiitee

Ni gallaa karaa beenaa

Kan jedhu kana keessatti namni loon bobbasse sun bifaa fi gosa fi mallattoo (sumuda) loowwan
sanii maqaa dhahuun aduun dhitee karaa irraa hin maqanii yoon kan kararraa maqxuu taatee
bineesisi nyaachuu danda’aa. Kaanaafuu qajeelii karaa warraa nuun deemi jechuun dhan kan
jaalala looniif qabu kan ittiin weediffatudha.

19
4.2.4. Weedduu Yeroo Loon Booji’aan

Akka odeessaan koo”D,B, C, H” jedhaniti ummani oromoo yeroo loon diina isa harkaa cal isee
loon sana ofee hin galchuu weeddissa karaa biyyaa ofii oofa weedduu looonii kunis haala armaan
gadiitti dhuyaateeraa.

Dabbasaa hin filannee

Dubra hin kotaasifnee

Leelee jala deemnee

Lafaa kanaan sa’attan qajeelee

Waree nan dhageenyee

Akka yaada kanarraa hubannutti namni loon booji’e sun erga dhalatee nama biroo qe’ee keessa
deemee dabbasaa (Rifeensa) filatee dubara jala kan deemu osoo hin taane akkuma dhalatee
guddatee kan loon diina isaa harkaa booji’u ta’uu isaa kan itti ibsatuudha.

Itti banaa gala mixii

Achii asoo oofaan karaa dheebitii

Akka yaada kanarraa hubannutti namni loon booji’uu yeroo itti banu qaba. Akkasumas karaa
oofu qaba. Kanaafuu namtichi loon booji’u yeroo loon diina isaa harkaa fudhee karaa warra
isaatti galla oofu kan ittiini ibsatuudha.

Ka abbaa ilmaa galee malee

Gaadiin irra hin teenyee

Ammeessa galoo

Oolchaa galoo tiyyaa

Faaxee masoo beekaa

20
Akka yaada kanatti kan inni agaarsiisu namni isaa wajjiin dullee sana loon isaa eelemaa hin ta’u
bubuudha. Kan akka loon kiyyatti gaadiin irra ta’u osoo hin tane kan galeedhaan mataa qabanii
elmataniidha. Akkasumas kan haati mana isaa ijoollee isaatin ittii manneessaa aannan lafa
oolchituu miti loowwan isaa aannan xiqqaa waan cophaaniif itti hin weeddiftuu (hin maneesituu)
jedhe kan ergaa ittiin dabarfatuudha.

Biyya calloo ana xurree karaa beekaa

Jalaan geenyaan shiftaan ijoollee

Riiroo mussaa doobbaa raagii laaluu beekaa

Itti bana anaatuu mala beekaa

Akka yaada kanatti namni loon yeroo booji’u karaa ittiin deeme loon sana booji’u qaba.
Akkasumas akkuma itti dhufeen loowwan san kan itti bahu osoo hin tanee takka jedhee nama
isaa keessaa dhagaa, callee fi quba harkaa nama ilaaluu beeku laalchisuudhan kan itti mukaa
bahani loowwan mooraa cisaan yaasanii karaa biyya isaa ittiin geessu kan weeddisudha.

21
Ka ilma alii doobbaa

Balagee summii saddeeqaa

Kiyyaa hafuur yaasii

Booree daruu durbaa

Heefa hafuur yaasii

Nuchaa gulbaa

Qe’eettiin booreesi daboolaa

Akkataatun eegaa.

Akka yaada kanatti nama kabaja hin qabne kan qe’ee oolee nama arge wajjiin waanuma arge
ololaa dharaa oofuu, nama mara walitti buusuu kan qe’eedhaa hin deemne bakka dhiirti oolu kan
hin oolle qeequudhaan arrabsanii ittin weeddifatanidha.

Dura reeboo malee

Abdii manjoolummaa maalittaan si beeka

Daaytuun dhale saani teessoo heefaa

Lallaaftuu durba laanni

Aayyoo malee maaltu masoo beeka.

Akka yaada kanaatti namni qe’ee dhaa hin deemne kan yeroo namni akka isaa loon diina isaa
harkaa booji’ee fidu loon sana afaan fiigee falmuu barbaaduu fi haati isaa kan loon isaa nii
dhaalee ittiin hin maneessine jechudhaan hiriyaan isaa kan qe’eedhaa hin deemne ittiin qeeqee
ittiin weeddifatudha.

22
4.3Qabbiyyee Weedduu Loonii

Akka jiraataan aanichaa manguddoon “A, D, C, F, H”n jedhanitti weedduu loonii akkumaa
afoola kaanii qabiyyee mataa isaa qaba. Kana jechuun namoonni loon weeddisan sunniini
dubartoota ,ijoollee, dhiiraa fi abbaa loonii ta’uu danda’a.

4.3.1 Weedduu Loonii Ijoolleen Weeddiftu

Akkuma beekkamu ijoolleenis akkuma namaoota gurguuddoo loowwan tika jaalatti akkuma
loowwan tika jaalatu sana loonwwan itti weeddisuu jaalatti.

Qarshii adiin lafa teessi tamboon

Ijoolleen kunoo yaate mar’oon

Abbaa gandaa yaaboosee kaanayaa

Fantoo qilleensatu waliin hasa’aa

Akka yaada kanatti ijoolleen yeroo loon eegan kan weeddisan yoo ta’u .ijoolleen loon eeguu
jalattan weeddisaa bahanii kan loon hin jalanne ganda keessatti booseessaa ta’ee kan ta’uu isaa
kan agarsiisuu fi warren loon jaaiiatan qilleesatu waliin haasayaa kan loon hin jaalane imoo
ganda keessa ta’eeoduu qeequn kan weeddisanidha.

23
Abbaa saayyaa dura deema tiksaa

Akka mantuutatti mooraa ibsaa

Buudeen saawwaa kiyyaa

Buudee saawwee

Guyyaa ilaalarraa oolti saawwee

Yaasaawwee ittittuu buchuma

Waarii galee waareen sun sumaa

Akka yaada kanatti ijoolleen yeroo loon tiksan abbaa loonii yoo weeddisan mul’isa namni loon
qabu mooraan isaa guutuu akka ta’etti fi namni loon hin qabne immoo hojii tokko malee jooraa
oolee galgala yoo galu bakka itti galu kan hin qabne ta’uu kan nu hubachiisuudha.

Abbaan gandaa gaariin ciicoo hiree

Nugufnilleen siin ijaare siree

Buudaa saawwee kiyyaa

Buudee saawwee

Ittiin dhooftuu lafaa ka’i qawwee

Akka yaada kanaatti ijoolleen yeroo loon eegan (tiksan) jabeenya nama loon qabuu fi kabaja
loon qabu kan agarsiisanii fi ittiin weeddisaniidha. Gara biraatiin siyaasas dabarsuu
danda’a.namni loon qabu qabeenya loonirraa argatu dhadhaa fi aannan gandaa qooda.
Akkasumas, qabeenyuma sanaan alagaanis nurratti kooree alagaa kana ofirraa faccisi hin taa’inii
ka’i jechuun kan weeddisuudha.

24
4.3.2 Weedduu Loonii Dubartiin weeddiftu

Akka deebisaan odeeffannoo koo “E” irraa argamerraa dubartiin Oromoo dur looniif bakka
guddaa kennaafii ture. Kana malees, ni weeddiftis ni jaalattis. Kanaaf jaalalaa looniif weedduun
ibsatu.

Yaasaayyituu tiyya yaasaayyituu

Dareemoo funaanan dhibee

Raaree kutaaran dhibee

Hiriyaa maalan dhibee

Kaarra marraxaan dhibee

Dhaddachaa korsaan dhibee

Aaddee haasawaan dhibee

Akka yaada kanaatti dubartii yeroo loon iddoo dheeraa deemee galu namni marga loonii funaanu
yeroodhabamee hiriyaan loon kana wajjiin rakkachuu akka danda’uu fi haati loonii immoo loon
sun galee waatii isaatiif mar’atee karaa haasoftuun dhabuu ishee ittiin ibsatudha.

Horree buudee raasee

Buudaliin buudee raasee

Abbaan buudalii sanii

Qorqodaan diroo raasee

Akka yaada kanaatti yeroo abbaan loonii horii ofii tiksee galu namni qorqodu gahee dhiirti
hojjachuu qabdu dhiisee mana keessatti deebi’ee akka dubaraa dirooraasuu isaa dubartiin dhiiraa
sanitti weeddifatudha.

25
4.3.3 Weedduu Dhiirtii Weeddisu

Akka deebisaa “A, B,” irraa argamerraan dhiirti oromoo durii loonii bakka guddaa kennaafii
turan kan malees yeroo loon isani san ni weeddifatu.

Hayyee saylan gumbii

Saylan dhagaachahabaleedhaa

Galata waaqaalafaa

Nu galchi sunsuma kaleedhaa

Yaa mormaan qoqqooloo goromsa

Doome futtaasaa boortoloo

Akka yaada kanatti weedduun galata waaqaa fi lafaa kan mul’isu yeroo weeddifamuudha. Kunis
weedduu isaatin yaa waaqa aadaa fi safuu keenya kan kaleetiin nu jiraachisi akkasumas yaa lafa
akkuma duraanii marganuuf biqilchi jechuudhaan kan yaada dabarfatuudha.

Achoo bultiin shan

Asoo bultiin shan

Walittu kudhan

Jajjaabaa ni nuun galu

Laafaa galuun yaada

Abbaan mulluu sooddaa

Nyaata siinqii lama baase

Fantaallee gallaan

Ka mahammad abdii

Aannan laga yaase

26
Akka yaada kanatti wedduun kun kan weddifamu yeroo bonni baay’ate gara bonni hin jirretti
margii fi roobni hin jirretti goodaansisan kan weeddifamuudha.kunis yeroo godaaansisan kan
karaa bulanii fi yeroo galanis kan karaa bulan ta’uu agasiisa. Nyaannii fi dhuugaatiin yeroo loon
godaansisan nyaatanii fi dhugan fooniif fi aannan akka ta’ee fi kun loon irraa akka argamu kan
ittiin ibsataniidha.

4.3.4 Weedduu Loonii Kan Abbaan Loonii Weeddisu

Akka odeeffannoon A, B, C irraa argannetti jiruun nama loon waan ta’ef, Abbaan loonii jaalalaa
looniif qabu irraa kan ka,ee loon weeddisuu jaalatu.

Durgurraacha cilee

Amma addaattee baan diraan

Waree tee dhagayee

Bara gaafa xaaliyaan

Jilbaan dhiitaa boombii

Yoo akkanaan tiksaan

Dalluu baasa gorbii

Akka yaada kanatti abbaan looni kan weeddisuf bifa siyaasatiin immoo dur dukana keessa
turree amma garuu ifatti baanee kormi loon keenyas haalan dheedee nuuf galee nullee fayyaduu
danda. Akkasumas bara xaaliyaan namni loon horsiisu hin jiruu amma garuu fooyyeen dhuftee
akka gaaritti loon keenya horsiisne jiraata jiraan kan agarsiisudha.

27
Amba tiyyaa gumbii uumee bade

Komiteen basaasa lelleen waadirii

Biyyaati ijoollee ituu ganda ilma saaldaa

Fantaallee ni goomtii

Naannayaa abbaa mulluu ijoolleen mi’eessootti ooftii

Haati sa’id kiyyaa cufanaa ol qabde

Masoon irratti boonti

Akka yadaa kanatti weedduun kun kan agarsiisuu gandi fantaallee kan icciti ni qabata garuu
gumbii immoo icciti jalaa baasa. Loon booji`amee kanas ijjoollen gumbi kan wajjiin jalaa
garagalti yeroo kana immoo haati itti gammaddee karraa jalaa bantii.

Arbi arba deema bulee

Halkan rabbi siifan urjii eegaa bulee

Akka yaada kanatti weedduun kun kan agarsiisu namni loon isaati yeroo hirriiba dhabee halkaan
guutuu osoo urjii eeguu yoo ittii bari`e kan loon isaatii kan ittiin ibsatee ittiin weeddifatuudha.

4.3.5 Sababoota Weedduu Loonii Duubatti Harkisaa Dhufan

Akka odeeffannoo jiraata aanichaa manguddoo tokko sirni weedduu looni yeroo ammaa kan
sababa adda addaatiin badaa jiraa sababoonnii kunis kan akka babalachuu guddinnaa teknoloojii,
lafa bona irraa kan ka’ee aadaan hawaasichaa kan durii irraa hirachaa dhufeera.

4.3.5.1 Babalachuu Lafa Bonaa

Dur roobni akka malee roobaa ture. Ama garuu babalachuu bonaa irraa kan ka`ee horsisni horii
hira`achuudhaan afoolli kun duubatti hafaa dhufeera.

28
4.3.5.2 Babalachuu Guddinaafi Tekinooloojii Hammayyaa

Jijjiramoonni guddinna garagaraa jijjiramaa qaroominnaa ta`ullee afoola kanaaf dhiibbaa qaba.
Sirna guddinaa kun afoola akka waan duubatti hafutti namoon akka hubatan taasisa. Afoolli
kamiyyuu dubatti hafuu hin qabu.Yaada kana irra kan hubannu sababoota garagaraa irra kan ka`e
sirni weedduu loonii kun badaa jirachuu isaati.

4.4 Sadarkaa Weedduu Loonii

Akka odeessaan “B”jedhannitti weedduun loonii yeroo amaa kanaa sadarkaa badiinsaa irra
jira.Kunis kan ta`etti namoonni yeroo ammaa kana horii horsiisuu hir`isaniiru. Kanaafuu
weedduun loonii kunis yeroo ammaa kana badaa dhufeera.Wantooni weedduu loonii akka
baduuf sababa ta`an akka asiin dura dhiyatetti jijjiramoota adda addaa irra kan
ka`eedha.Namoonni akka waan boodatti hafetti ilaalu. Akkasumaas yeroo ammaa kana loon
baduudhaan wantoota adda addaattiif fayadamuu n jalqabamaniiru.Akka waligalatti yaada kana
irraa wanti hubannu weedduun loonii amma kan saddarkaa baduu irra jira.Akkasumaas namoon
weedduu kana weedisaan dhiisaniiru.

4.5 Bu`aawwan loonii

Loon bu’aa hedduu ilmaa namaf kennu danda’aa isaan keessaa aannan, gogaa,
dhadhaa,gurgurani maddaa galii irraa argachuuf qotiinsaf fi kan kana fakkaatan nuf kennu
dada’aa weedduu bu’aawwaan loonii keessaa inni tokko weedduu yeroo aannan raasutii.

29
Yaa saayyituu tiyyaa yaa saayyituu

Diroo huubboo ganamaa

Hubiiftuu harkaa lamaa

Busa hullee qibee

Addaanoo maaltuu dhibee

Akka yaada kanatti namtittiin aannan raaftu sun yeroo aannan raaftu san aannan harkaa laman
raasani ergaa baasani booda baaduun sun dhugaatif nyaatara buufauhuu kan gargaaruu ta’uu
isaati dhadhaan isaa keessaa ba’uu sun madda galii garagaraatif kan gargaaruu ta’uu isaa kan
agarsisu dha. Weedduu lafa qotiinsa weeddifamuu

Akka bobbaa dhaddee

Ganamaan subii kaanee

Ammaraariyyoo raaree

Raaree durri salaamii

Bobbaanee keessa jirraa

Waan feete kalaamii

Akka yaada weedduu kanaatti weedduun kun kan yeroo lafa qotan abbaan lafa sanaa(warri lafa
qotu) weeddisuudha. Weedduu kana yeroo qonnaaf ka’an ganamaan ka’anii qotiyyoo saqalanii
gara lafa qonnaatti ba’an. Yeroo sanatti lafa qonnaa sana keessatti bobba’anii waan barbaadan
taphachaa(weeddisuudhaan)kan waliin qotaniidha.

30
Boqqoolloo muxaa gaalaa

Qooyla harka lamanii

Boosettii duute malee

Bitti rabbi amaanii

Keenya durii fantoodha

Dantaa martii nu gootee

Martiin baanaan jaalila

Nama ofii nu gootee

Akka yaada kanatti weedduun kun kan weedifamuu yeroo qonnaa keessa yeroo faaccasatti. Kun
kan agarsiisuu namnni qotatee quufaa ta`uu fi namni hin qotanne beela’aa ta’uu agarsiisa. Gara
biraatiin lafa teenya qotannee duroomnee kan nama hin tuqne ishii maqaa taanee jirannee
osooishiin jiraachuu battee nu jiraachuu hin dandeenyekan jedhuudha.

Ganamaan bobbaa hin beenyuu

Tanumaa nu balleessee

Bobbaanee heelata hin beenyuu

Tanumaa nu wayeessee

Akka yaada kannatti weedduun kun kan inni ibsu dur hojii hin beeknuu kanaaf hiyyoomne amma
garuu ergaa yookiin osoo of hin qusatiin dalaguu jalqabne fooyyee arganne kan jedhu agarsiisa.

4.6 Kunuunsa Weedduu Looniitiif Barbaachisu.

Akka odeessaan koo “D”jedhanitti weedduun loonii kun akka hin bannetti irra deebi’anii
uummata oromoo barsiisuudha.Kana malees qaama dhimmi ilaalutti akka afoolli kun hin banne
gabaasuudha.

31
BOQONNAA SHAN

5 Cuunfaa, argannoo fi yaada furmaataa

Boqonnaa kan jalatti kan ibsaman cuunfaa, argannoo fi yaada furmaata qorannichaati. Kaayyoo
qorannoo kanaa sirni weedduu loonii kun maal akka fakkaatu ibsuudha. Kaayyoo kanas galmaan
ga’uuf ragaaleen funaanamee jira. Haalumaa kanaan qoraanichaa qaaccessuunii fi ragaalen
dhiyaatan irratti hundaa’un cuunfaan, argannoo, yaanni furmaata kennameef jira.

5.1 cuunfaa

Qorannoon kuni afoolli oromoo sirni weedduu loonii qabu irrati ilaalcha inni hawaasa keessatti
yeroo ammaa kana galmaan ga’uuf immoo meeshalee odeeffannoo ittiin funaanaman kan akka
Afgaaffii Marii garee waa’ee weedduu beekan, afgaaffii taasisun adeemsifamee jira. Ragaaleen
yookiin odeefannoo kunnii funaanamanii qaacceffamuun hiikni ittii kenna me jira

5.2 Argannoon

Argannoon qorannoo kana irraa argamaan kanneen armaan gadiiti.

 Weedduun loonii kunni afaanin dhalootaa dhalootattii waan darbuuf irraan fatamaa
deema jira.
 Yeroo odeeffannoo funaannachuuf ykn guurrachuuf waajjiira aadaa fi turizimii
aanichaa dhaquu, wantoonni afoola kanaan walqabatan argachuu hin dandeenye.
 Afoola weedduu loonii kana irrattii ilaalchi hawaasni qabu gadi aanadha.
 Weedduu loonii afoola ummata oromoo ta’uu isaa hubatamee jira.
 Ummanni oromoo yeroo ammaa kana loon horsiisuu hir’isuu irraan kan ka’e
weedduun loonii yeroo ammaa kana hir’achaa dhufee jira.

5.3Yaada furmaataa

Akkuma beekamu weedduun loonii kunisababoota adda addaa irraa kan ka’e hanga tokko
hir’achaa dhufuu isaa odeeffannoon gara garaa ni mirkaneessa. Kanaafuu, weedduun loonii
yeroo ammaa kana xiqqaachaa dhufuu isaa kana hawaasa oromoo biratti bal’inaan beekamuuf
kanneen armaan gadii gochuu qabna.

32
 Weedduun loonii hawaasni hin beekne akka faayidaa dhaloonni barate qabu
beeksisuudha.
 Weedduu loonii afaanin dhalootaa dhalootti darbaa ture barreeffamaanis akka darbu
qaama dhimmi ilaallatu keessattuu wajjiirrii aadaa fi turizimii oromooti dabarsuudha.
 Ilaalcha ummata naannichaa jijjiiruf maalummaa weedduu loonii fi wantoota isaan
walqabatann gadi fageenyaan barsiisudha.
 Sirni weedduu loonii kuni itti fufiinsaa akka argatuuf waajjiira aadaa fi turizimii
aanichaatin xiyyeeffannoon argachuu qaba.
 Waajjiirri aadaa fi turizimii aanaa Fantaallee waa’ee weedduu loonii kana hubatani afoola
hawaasichaa barreeffamaan osoo taasisani gaarii ta’a

33

Das könnte Ihnen auch gefallen