Sie sind auf Seite 1von 5

Ija itti dhaabee taniin an laaladhe; bareedduu hedduu keessa arra an filadhe; bareedinni immoo lama kan gubbaaf

kan keessaa; tokko irraa hin hafne ni qabdi hundasaa; hundumaahu caalaa sabboonummaa isiiti; mataa olqabatte oromummaan boonti; kabaajaa fii toltuu isiin namaaf qabdu; na toleeti jira yaanni isiin yaaddu; faayni too oromoon dhugatti dhugatti; oromiyaa badhaatuu anatti fakkaattii;

Oromummaan faaya, nurraahi mul'atti; uffata aadaa teenya kan gehu hin jiru dhugatti; ni beeytan isinuu hedduudha miidhagdi haalaan nurraa tolti; nyaata aadaa teenyaa barreesse hin fixuuti; way mi'ina dhamdhamasaa kan nyaatee beekutti; hir'ina hin qabdu oromiyaan qabeenya uumaatti; kunuunse kan qabu barbaadaati jirti; ni jirra ja'a dhubbadhaa mee as bahaati;

BY BULII BANTAA Walaloo kan Simadhaa OROMUMMAAN HAA DUBBATU!!! Garaa aaree gubatu, Isa booyee hinqirfatu, Sammuu yaadaan dhiphatu , Dhaltii qoonqoof maratu, Jagna biyyaa baqatu, Qabeenya Alagaan saammatu, Lammii deegaan jiraatu, Jiraa fi jiruun waadamaa isa roorroon rakkatu, Qaama xiiqiin hoollatu, Qalbiin beekee hin himatuu, Oromummaan haa dubbatu!! Dhiiga dhiiga isaa lagatu, Qaama qaama irraa baqatu, Foon foon isaa ajeeffatu, Lafee lafee dagatu, Tiruu tiruu isaa nyaatu, Kan eenyummaa isaa jibbee hamba tauu filatu, Aadaa isaa tuffachaa Aadaa ormaa jaallatu, Seera Safuu caccabsaa hirbuu seene kan nyaatu, Qalbiin beekee hin himatuu, Oromummaan haa dubbatu!! Hayyuu hayyuu tuffatu, Beekaa beekaa gufatu, Kan wallaalaa komatu, Jecha- baasa wallaalee arraba dhedheeratu, Gameessa tauu dhabee isa dharaan jiraatu, Qalbiin beekee hin himatuu, Oromummaan haa dubbatu!! Qaanii taee barri isaa ennaa dhugaan salphatu, Gaarii taee akki isaa ennaa dharti ulfaatu, Yoo jiraateef namni isaa inni dhugaa dubbatu,

Yoo jiraateef jagni isaa inni dhugaaf dhaabatu, Qalbiin beekee hin himatuu, Oromummaan haa dubbatu!! Ni jiraaree dhuguma kan Calanqoon dagatu? Yoo jiraateef qalbiinoo kan Aanoleen yaadatu, Yoo jiraateef namni isaa inni biyyaaf dhaabatu, Roorroof ciisuu dadhabee kan qaamni isaa hoollatu, Garaan xiiqiin guutamee booree baasuuf onnatu, Qalbiin beekee hin himatuu, Oromummaan haa dubbatu!! Daangaan nu weeraramee yammuu diinni nu haatu, Mirgi nu dhidhiitamee kuyyiiseen yoo nu dhaantu, Haqni keenya awwaalamee kan hunduu nutti caaqxu, Dhuunfatamee qabeenyi yammuu bulguun nu nyaattu, Eessa jira namni isaa inni biyyaaf dhaabatu?! Hin jiruuree gonkuma inni Sabaaf dhiphatu?! Inni Gabrummaa jibbee Bilisummaa jaallatu, Hirriiba rafuu dhabee kan roorroon itti ulfaatu, Jiraa fi Jiruun gabroomaa cunqurfamaa jiraatu, Maaliif ripha namni isaa maaf quuqamee hin dubbatu?! Qobaa fiffiiguu dhiisee maaliif walii hin birmatu?! Maaf dhibaaya maa hin lolle maaf haqa isaa falmatu?! Gaafa Giitii wal yaamee maaliif booree hin baafatu?! Maaf Mirga isaa hin gonfatu; maaf Haqa isaa hin deeffatuu?! Yoo jiraateef dhuguma namni biyyaaf dhiphatu, Qalbiin beekee hin himatuu, Oromummaan haa dubbatu!! Egeree_oromiyaa Hagayya 2011

Hundee Jibaati Kolfa Qasa'aaaaaaaaaaaaa Yeroo naminni qotu Yoo naminni dalagu Kan facaasan illee Yeroo silaa margu Yeroo naminni qotu Bajjjii tatarsaasee Anoo gadoo hin baanee Ol deebieen ciisee Yoon ganna sodaadhe qotee waa facaasuu Waayee waaqotanii maan dubbachuu hin dhiisuu Qotiifni ulfaataa tauun beekamullee Qotuut na irra jiraa erga qonni hin oollee

Warri qote hundi dhoqqee lallaaqatee Moofaraaf qanbara sanyii isaa baadhatee Rooba cabbii keessa gale facaafatee Maarashaan qotiisaa iddaan qabamullee Qottoo gateettii irraa fuudhee ittiin muree Calaqqisee roobee bakakkaa buusullee Qotataan hin sokkuu qonna ofii dhiisee Ana garuu kan koo baayee na rakkisee Kan galchee na ciibsu qorra sodaachisee ammoo nan goomaadha Kan warra qotatee Kan warra ojjatee warra waa argatee Oduu natti buuse oduudhan odeessa Ebelu qotatee gootaraa guuttate Ebelu ammoo meeqa laataa? kan inni galfate? Eenyutu natti ima kan warra abbaa Margaa Sangaan saanii meeqaa? Meeqa ammoo elmatuu? Jedheetan gaafadha waan amaan odeessaa Lafa oooo nan qaba kanan qote eessaaaaaa? Mu, yaa anaa jedheen........................... Ani hin qotu Warra qotetu na qacaree Kanaaf kan koo jiruun.. bacancarreeeeeeeee? Hundee Jibaatin Maaliif na xuqxxaa? Ofuma kee na xuqixxee Lafaa ofi nna kaaftee Gaafan ani aaree kaee Aarii kiyya cabsachuuf Aaloo kiyya baachuuf Kutadhee tarkaanfadhe Qabaa harka koo keessaa Eenyu dhufee si baasaa? Gaafa guyaan naaf kenne Harka keen siif deebisaa Dhachaa dachaan siif baasaa Kana immoo arguuf teessaa Bulii Bantaa Wolaloo boranaa fi bareentoo Ilmaan oromtichaa~ Booranaa- bareentichaa~ Kan seeri dhadachaa~ Hidhaa fi ajjeechaa~ Dhukkuba saamichaa~ Biyyarraa baqachaa~ Wayyaanee sodaachaa~ Jireenya hadhaawaa~ Kan hinqabne dawaa~ Daaimni beelawaa~ Dhukkubaan cittaawaa~ Qaamaaniis dottaawaa~ Furfuree, eetawaa Beeyladaa hanqannee~ Guntuta ciramnee~ Harka mogolamnee~ Namaa gad mudannee~

Wallaalaan dhaalamnee~ Aadaa teenya dhabnee~ Qabeenya saamamnee~ Hidhatti guuramnee~ Haadaan fannifamnee~ Rasaasaan waadamnee~ Nyaaphaafiis feamnee~ Galata hinargannee~ Oromoo salphannee~ Homaa nutti hinhafnee~ Jiraachuu dadhabnee~ Wareegam baafnee~ Duuti silaa hinooltuu~ Sireerattiis taatuu~ Lubbuun jalaa hinbaatuu~ Aaddee cunqurfamtuu~ Kaatee hinfalmattuu? Seenaan sin dagattuu~ Yaa tuuta kannisaa~ Qeeyroo onnee soorsaa~ Yaa shanyii bilisaa~ Barataa- barsiisaa! Manguddoo kaleessaa~ Abbootiis kakaasaa~ Hawwaniis hirirsaa~ Nyaaphi isin dheeysaa~ Kaaa wal gurmeessaa~ Irree teeysan cimsaa~ Ilmaan qotee bulaa~ Daldalaan magaalaa~ Marti ilmaan ormaa~ Hojjatan mootummaa~ Yaroon teenya ammaa~ Ilmaan cunqurfamaa~ Nu dinne gabrummaa~ Buura tokkummaa~ Jenne bilisummaa~ Akka warra kaabaa~ Tuniizin jalqabaa~ Egyptiin qarqabaa~ Oromiyaa goolabaa~ Mootummaa azaabaa~ Mallas abbaa irree~ Fakkaataa adurree~ Nyaatee nu qoqoree! Dhagaa itti harree~ Billawaan diddirree~ Ibiddaan weerarree~ Firraa bufnee morree~ Sirna abbaa gadaa~ Demokraasii hundaa~ Ilma xiqqaa-guddaa~ Kan galmi isaa Odaa~ Oromiyaa leelloo~ Loosha mudhii qalloo~ Bahaa hamma walloo~ Yaa lammii koo maaloo~ Mee kaaa haa jarruu~ Alagaa hingabbarruu~ Onne Taddee Birruu~ Qabadhaa oromoo~ Tan akka Elemoo~ Dantaa sabaa dursee~

Jireenya saa dhiisee~ Maatii saa facaasee! Oromoo gurmeessee~ Dhiiga dhangalaasee~ Nyaapha rifachiisee~ Dandii nu tarsaasee~ Dhamsa nu lakkisee~ Gooti oromiyaa~ Kaaa ilmaan ayyaa~ Oromummaan faayaa~ Gabrummaan nu geyaa~ Waaqi nu waliin haa tahu! Injifaanoon nu haa gehu! Cunqursaa jalaa nu haa baasu! Oromoo haa baraarsu! Fayyaa haa taasisu! Addunyatti haa mullisu! Haqa keenya malee! Kan ambaa hinkajeellee! Nyaaphi nu affeelee! Yaa Rabbi nu tahi golee! Diina keenya cabsi mogolee~ Nurraa kaasi gabrummaa~ Nu kenni bilisummaa~ Nu goonfachiisi abbaa biyyummaa! Aamiin!!

Anaani yaa anaa kanaa, Kanaanan garaa si gaaa, Dubbiin si jalaa qabaa, Laaffiseen siif howwaadhaa, Gaarummaa keen lallabee haasaaa, Walakkaa haasaa kiyaa kan keen fakkeeffdhaa, Amantii fi yaadaa koos gara keen deeffadhaa, Yoo si dhukkube anatuu aadaa, Kan ati feete jaalladheen kan ati jibbitu jibba, Dukkanni yoo ifa jette isan dhugeeffadhaa, Osoo qaamni na qoollifatuun wayyaa koo kee fakkeefadhaa, Bakka ati jetten oola, Sammuun koonan wal-lola, Namni maal naan jedhaa fi safuu qootee boolla buusaa, Bara dabarfachhuf si faanaa tirtira, Yoo naaf kutte nyaadheen dhabu hagabu bulaa, Ofirraa fagaadheen fagoodha of ilaala, Of ganeen si duuka bua, Beekaa yeroosanan garaa si gaaa!!!....... Gadissa

Das könnte Ihnen auch gefallen